group pic in front of med school
Join Our Mission

Oromia Rural Health Initiative (ORHI) eeny?

(ORHI) Dhaabbata namoota harkaqalleeyyii ta’an tolaan gargaaruuf dhabbate dha.

Galii Eessa argata?

Namoota hasa ofii rakkataa gargaaruuf dandeetti qaban, kan biyya keessaaf ala irra harjoomani qindeessuudhaan akkasumas dhabbatoota tola ooluuf ijaaraman irraa gaafachuun haala seera qabeessa ta’een ojjata.

Ogeeyyii fayyaa:

Ogeeyyii fayyaa fi kan biroo biyya keessaf alla irra walitti qindeessuudhaan tolan akka tajaajiln gaafatee meeshaalee tajaajila fayya fii qoricha dhiyeessun gargaara.

Muuxannoo:

ORHI marsaa jalqabaaf Hospital Rifaralii Ambo waliin ta’uudhan ogeeyyii fayyaa biyya America, Honduras, Kenya, Uganda fi Oromia/Ethiopia irra walitti dhufani waliin ojjatee milkiin xumuree jira. Ogeeyyin kunis yeroo kamittu yoo haali wal fakkaatan jiraate ojjachuu akka fedha qaban waan ibsaniif muuxanno gayaafi milkii gaariin xumuruu isinii ibsuu feena.

Ogeeyyii akkam barbaaddu?

Ogumma fayyaaf kan biroo hunda waliin ojjanna.

Oromia Rural Health Initiative waliin ojjachuun danda’ama?

ORHI waliin ojjachuuf ni dandeessuu. Nuwaliin ojjachuuf ogeessa fayyaa qofa ta’uun sin irra hin jiraatu, namoota keenya muuxannoo garaagaraa qabam hunda bakka isaan itti ojjatuu fedhan mara irratti haala mijeessuufii dandeenya.

Gaafi’ii biraan qaba?

FAQ keenya jalatti gaaf’i dubbistoota keenyaa hunduma deebisnee fixuu waan hin dandeenyeef yookaasa gaaf’ii adda ta’e qabaachuu waan dandeessaniif gaaf’ii qabdan mara karaa emailii keenya isinii deebisuu ni dandeenya.

Email: